Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Falmii fi Biyyoonni Dinagdeen Guddatan Wal Ga’ii G20 Kan Afriikaa Kibbaa Irraa Hafuun Tumsa Addunyaa irratti Shakkii Uume

Дата публикации: 26-02-2025 18:35:28

Ministiroonni maallaqaa hedduun walgahii Garee biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 Afrikaa Kibbaa keessatti Kibxata darbe geggeessame irraa kan hafan yoo ta’u, angawoonni olaanoo biroon ammoo walgahii dhimmoota ijoo haala qilleensaa, liqaa fi walqixxummaa dhabuu irratti waldhabdee uumameen  imala gara wal ga’ichaa dhaquu irraa hafanii jiran jechuun Rooyiters gabaaseera.
Walgahii Chaayinaa, Raashiyaa, Gamtaa Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis of keessaa qabuuf yeroo hunda ibsa tokko irratti waliigaluun cimaa dha. Garuu garaagarummaan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa waan ta'eef ministiroonni maallaqaa tokko tokko siyaasa biyya keessaatiin garmalee waan qabamaniif walgahii guyyoota lamaaf Keep Taawunitti gaggeeffamuu irratti hin argamne.
Biyyoota G20 keessaa kanneen dinagdeen isaanii guddaa ta’e, Yunaayitid Isteetis, Chaayiaa, Jaappaan, Hindii fi Kanadaan sirna kana irratti hin argamne. kunis isaan fi baankota giddugaleessaa walitti fiduun qormaata dinagdee addunyaa irratti mari’achuuf kan yaadamedha. Angawaa olaanaa diinagdee Gamtaa Awurooppaas akkasuma hin argaman hafan. Argamuu dhabuun isaanii kun ibsa tokko irratti kan duraanii walii galuuf carra xiqqaa qabu daran irratti walii galuuf rakkisaa taasiseera.
Itti dabalees kan wal ga’ii sana keessummeessan prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Sirl Ramaafoosaa dhimmootii ijoo kan isaan jedhan irratti walii galuufis abdiin jiru xiqqoo dha.  
Isaan keessaa hanqina maallaqa haala qilleensaa biyyoota dureeyyii irraa argamuu, sirna faayinaansii biyyoota hiyyeeyyii miidhu jijjiiruun barbaachisaa ta’uu fi wal-caalmaan guddachaa dhufe ka jedhu dha. Haasaa baniinsaa dhageessisaniin, “Sabatiinsi addunyaa dhabamuu fi haala muddamni hammaatee jiru yeroo kanatti miseensonni biyyoota dinagdeen guddatan kan G20 waliin hojjechuun yeroo kamiinuu caalaa barbaachisaa dha” jedhan.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
2Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025
3 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
4Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
5Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
6Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
7Karoorri Biyyoota Gaanfa Afrikaa Haala Jijjiirama Qilleensatiif Dursee Qopheessu Baasame08.3503-03-2025
8Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
9Fiigichi Guddichi Kan Itiyoophiyaa Marsaa 23ffaan Finfinneetti Geggeessame09.9221-11-2023

Классификация: Международные. Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 9. Тональность: 0. Информативность: 6.24. Источник: www.voaafaanoromoo.com.