Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise

Дата публикации: 12-03-2025 20:07:27

Gareewwan walitti bu’insa Sudaan kibbaa keessatti hirmachaa jiran waldhabdee isaanii furuudhaaf akka hatattamaan gara maritti deebi’anu gareen misoomaa fi waliti dhufeenya biyyoottan gaanfa Afrikaa ykn IGAD hubachiisee jira.
Hoggantoonni biyyoottan miseensa IGAD waliti bu’insa Sudaan kibba keessatti adeema jiru ilaalchisuudhaan walgahii guyya har’aa taasisan irratti kan dubbatan dura ta’aan IGAD dokteer Warqinee Gebeyyoo, mariin gareewwan lamman taasisan biyyoottan gaanfa Afrikaa keessaa tokko keessatti akka ta’uu danda’u himaniiru. IGAD, haaga’onni Mootummaa Sudaan kibbatiin tibbana kana hidhamaniis akka atattamaan gadi lakkisaman gaafatee jira.
Gareen hidhatootaa, Itti anaa Prezidaantii mootumma Sudaan kibba Reek Maachaari wajjin hidhata akka qabu ibsame, kutaa Aper Naayil keessatti bakka Naasir jedhamutti kan argamu buufata waraana mootumma irratti haleella raawwate hordofuudhaan namoottan itti anaa prezidaantii mootumma biyyatitti siqan heddun too’annoo jala oolfamanii jiru.
Waldahabdee Prezidaanti Sudaan Kibbaa Saalvaa kiir Maayardit fi Itti anaa prezidaanti Reek Maachaar gidduutti umameen walqabatee mootummaan biyya Ugaandaa humna nageenyaa adda gara magaala gudichaa Sudaan kibbaa Jubbaatti erguu isaa, ajajjan waraana Ugaandaa qibxata kaleessa beeksisaniiru.
Yunaayitid Istees gama isheetiin haala nageenyaa Sudaan kibba keessa jiruun walqabatee hojjattoonni mootumma Yunaayitid Isteets hojii atattamaa irratti hin hirmaanne hundi magala gudicha Sudaan kibbaa Jubba gadi lakkisanii akka bahan Samabata dheengadaa hubachiisteetti.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
2Rakkoo Nageenyaa Sudaan Kibbaa Keessatti Sababaan Ijoon Waliigaltee Bara 2018 Mallatteessame  Hojiitti Hiikuun Dhibaa’uudha: IGAD09.0814-03-2025
3Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
4Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate07.226-02-2025
5Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
6Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
7Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame06.7905-03-2025
8 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
9Waraana Sudaan Keessatti Gochaa Gara Jabummaa Suukanneessaatu Daa’imman Irratti Raaw’atamaa Jira, Jedha Tokkummaan Mootummootaa06.714-03-2025
10Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 6.96. Источник: www.voaafaanoromoo.com.