Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame

Дата публикации: 05-03-2025 20:18:52

Michoonni itti aanaa prezidaantii Sudaan Kibbaa hedduun erga hidhamanii fi gareen hidhate kan michuu isaanii ta’e maadhee waraanaa Kaaba biyyattii jiru erga weeraree booda Loltoonni Sudaan Kibbaa Roobii har’aa mana itti aanaa Pirezidaantii Riyaak Machaar kan magaalaa guddoo biyyattii keessaa marsanii jiru.
Associated Press akka gabaasetti, Kan wal mormiin siyaasaa pirezidaant Saalvaa Kiir waliin jiru yeroo darban keessa gara wal waraansaatti geesse Machaar ji’a darbe akka jedhanitti, michoota isaanii hedduu taayitaa mootummaa irraa ari’uun walii galtee nageenyaa bara 2018 Isaanii fi Kiir waliin irra ga’ameee fi wal waraansa waggoota shanii kan uummata 400,000 ol galaafate balaaf saaxila jedhan.
Kan Machariif amanamoo ta’a itti aanaa hoogganaa waraanaa Jeneraal Gabri’eel Duup Laam ennaa lola Kaaba biyyattii to’annaa jala kan oolan yoo ta’u, Michuu Machaar kan ta’an ministeerri Pertrooliyeemii Poot Kaang Chool illee Roobii har’aa waardiyyaalee fi maatii isaanii waliin to’annaa jala oolaniiru. Hidhamuu kanaaf sababaan kenname hin jiru.
Machaaris ta’e paartiin isaanii SPLM-IO waa’ee lola jiruu yaada hin kennine, garuu ministeerri dhimma bishaanii Paal Maa’ii Deeng kan dubbi himaa paartichaa ta’an akka jedhanitti, hidhamuun Laam guutummaa walii galtee nageenyaa sana balaa irra buusa.
Jiloonni warren gama dhiyaa torban darbe hoogganoonni kun muddama jiru akka gad xiqqeessan gaafataniiru.
Daayirikterri ol aanaan waalta nageenyaa fi leellistummaa kan ta’an Teer Manyaang Gaatwiich hookkarri akka hin hammaanne akkasumas dhiigi itti dabalaa dhangala’ee gara waraana guutuutti akka hin geessine ittisuuf kanneen hidhaman battala akka gad-dhiisaman gaafataniiru.
Sudaan Kibbaa hanga ammaatti waliigaltee nagaa bara 2018 guutummaatti hojiirra oolchuu kan hin dandeenye yoo ta’u, filannoon bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa hanqina maallaqaatiin waggaa lamaaf dabarfamee jira.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
2Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
3Waraana Sudaan Keessatti Gochaa Gara Jabummaa Suukanneessaatu Daa’imman Irratti Raaw’atamaa Jira, Jedha Tokkummaan Mootummootaa06.714-03-2025
4Rakkoo Nageenyaa Sudaan Kibbaa Keessatti Sababaan Ijoon Waliigaltee Bara 2018 Mallatteessame  Hojiitti Hiikuun Dhibaa’uudha: IGAD09.0814-03-2025
5Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
6Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette07.5405-03-2025
7Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
8Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
9Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025

Классификация: Международные. Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 9. Тональность: 0. Информативность: 6.79. Источник: www.voaafaanoromoo.com.