Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette

Дата публикации: 05-03-2025 20:25:43

Hooggantoonni Arabaa doolaara biliyoona 53 kan fixuu fi Faalisxiinonni qabiyyee isaanii keessaa akka hin buqqaane kan taasisu karoora deebisanii ijaaruu Masriin Gaazaaaf dhiyeessite Kibxata kaleessaa raggaasisaniiru. Kunis pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp naannichaaf qaban faallaa dha.
Pirezidaantiin Masrii Abdel Fattaah El Sisii yaadi kun fudhatama arachuu isaa kan dubbatan Kaayirootti kan geggeessame xumura gumii hoogganootaa irratti haasaa dhageesisanii ture.
Wal ga’iin Masriin qophaa’e kun  kan Amiirii Qaataar, itti aanaa pirezidaantii Tokkummaa Emireetota Arabaa fi ministeera dhimma alaa Saaudii Arabiyaa irratti hirmaatan ture.
Karoorri Masrii kun yaada Tiraamp baatii Amajjii keessa dhiyeessan kan Falasxiinota Gaazaan alatti sochoosuuf yaada dhiheessaniif kan deebii kennuu dha. Karoorri Masrii jiraattonni Gaazaa, yeroo hojiin naannicha qulqulleessuu fi dhukaatota  bakkicha irraa qulleessuun hojjetamu Gaazaa keessa naannoo addaa torba keessa qubsuma yeroof ta’u keessa turuu qabu jedha.
Masrii fi biyyoonni Arabaa hedduun karoora Tiraamp kan Gaazaaa bakka bashannanaa fi jireenyaa taasisuuf  yeroo hojiin deebisanii ijaaruu geggeessamu Falasxiinota Gaazaa keessaa baasuuf qaban irratti walii hin galan.
Walgahii kana irratti Siisiin Tiraamp Gaazaa deebisanii ijaaruuf gargaaruuf carraaqqii taasisaniif galateeffataniiru. Karoorri Masrii qaama bulchiinsaa yeroofii kan naannoo sana bulchu kan of keessatti hammate ta’uu ibsaniiru.
Masriin humni poolisii Falasxiin haaraan leenji’ee waan barbadaa’e deebisee ijaaruuf maallaqni ennaa walitti qabamu,  gareen ogeeyyii yeroo muraasaaf Gaazaa akka geggeessan yaada dhiheessitee jirti. Siisiin ji’a dhufu Masriin konfiraansii deeggarsa walitti qabuuf karoorsame akka qopheessitu eeraniiru
Kan Yunaayitid Isteetis dhaabba shororkeessummaa gochuun moggaafte Hamas , yaada kana kan deeggaru yoo ta’u, Israa’el ammoo qeeqxee jirti. Ministriin dhimma alaa Israa’el, wixineen gumicha Arabaa irratti dhiyaate
Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el yaadni yaa’ii Arabaa kun haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, bara 2023 raawwatee fi  kan waraana sana kakaase hordofee haala qabatamaa jiru “dhiyeessuu hin dandeenye” jedhee jira.
Prezidaantiin Faalisxiin yaada Masriin dhiyeessite simatanii, Tiramp karoora Faalisxiinota qe’ee isaanii irraa hin buqqaasne akka simatan waamicha dabarsaniiru.
 
Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
2Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
3Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame06.7905-03-2025
4Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
5Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
6Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
7Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an09.613-03-2025
8Jarmaniin Waldhabdee Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoon Walqabatee Gargaarsa Haaraa Ruwaandaaf Gootu Dhaabde06.405-03-2025
9Waldaan Atleetiksii Addunyaa Atleetii Itiyoopiyaa Badhaase09.6302-12-2024
10Al-Hadath: ХАМАС готов заключить сделку по демилитаризации Газы09.1130-07-2026

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.54. Источник: www.voaafaanoromoo.com.