Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 

Дата публикации: 07-03-2025 20:22:16

Addunyaa irraa wagga darbe haleellaan shororkeessotaa hamaan Afriikaa keessatti kan raawwatame yoo ta’u, naannoon Saahel wiirtuu shororkeessummaa addunyaa irraa ta’ee waan tureef shorokeessumaa waliin wal qabatee lakkoobsi namoota du’anii walakkaa dhaa ol naannoo kana keessatti ta’uu gabaasi waaltaa “Institiute for Economics and Peace” jedhamu kan shororeessummaa addunyaa irraa hordofu kan bara 2025 beeksiseera.
Haleellaa lubbuu namaa galaafate 20 akka addunyaatti galmaa’e keessaa 17 Afrikaa keessatti kan raawwataman yoo ta’u, biyyoota lama qofa keessatti kan raawwataman keessaa kanneen lubbuu namaa galaafatan sadan ol’aanoon dabalatee,  Niijer fi Burkina Faasoo, bara darbe ji’a Waxabajjii, Adoolessaa fi Hagayya keessa lubbuu namoota 607 galaafataniiru jechuun gareen qorannaa  Awustiraaliyaa keessa maadheffatee beeksisee jira. 
Lakkoobsi namoota du’anii erga beeksisamee booda wagga dhuma kana keesa yeroo jalqabaaf lakkoobsi namoota walitti bu’iinsa naannoo Saahel keessaan dhumanii kuma 25,000 yoo ta’u, kanneen keessaa 3,885 shororkeessummaan kan wal qabatu ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Burkina Fasoonis shororkeessummaan miidhaa hamaa biyyoota keessatti dhaqqabsiise keessaa sadarkaa gara olii irra jirti. Biyyoonni Afriikaa kanneen akkaan miidhaan irra ga’e Maalii, Niijer, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa fi Kaameeruuntu keessatti argama.
Biyya akkaan miidhamte taatus, ajjeechaa fi haleellaaleen Bukina Fasoo keessaa gad xiqqaatee jira Kunis dhibba irraa harka 21% fi dhibba irraa harka 57%n gad xiqqaateera.  Garuu biyyattiin ammallee du'a shororkeessummaa addunyaa irratti raawwatame hunda keessaa harka shan keessaa tokkotu keessatti raawwatame.
Gabaasichi itti dabaluu dhaan yoo xiqqaate biyyoonni balaan shorokeessummaa keessatti mudate 58 irraa gara 66tti ol ka’uu isaa galmeessee jira.  Gareen Islaamummaa (IS) fi dhaabbileen isaa waliin hidhata qaban biyyoota 22 keessatti du’a namoota 1,805 ta’uuf kan itti gaafataman ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.
Bara 2024 keessa du’e sho.rorkeessummaan wal qabate gara 7,555tti gad ciabee jira, kunis kan wagga duraanii irra dhibba irraa harka 13%n gad cabuu gabaasichi eeree jira.
Duuti kun hir’achuun haleellaa garee Yunaayitif Isteetisiin shororkeessummaan moggaafame Hamas kan onkoloolessa 7 haleellaa geggeessuu isaa hedduu waan tureef jecha.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
2Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
3Falmii fi Biyyoonni Dinagdeen Guddatan Wal Ga’ii G20 Kan Afriikaa Kibbaa Irraa Hafuun Tumsa Addunyaa irratti Shakkii Uume06.2426-02-2025
4Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
5Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette07.5405-03-2025
6Manni Itti-Aanaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Waraanaan Marfamuu fi Michoonni Isaanii Hedduun Hidhamuun Himame06.7905-03-2025
7Tapha Waancaa Afrikaa 2024 Ayivooriikoost Keessatti Geggeessamaa Jiru Irratti Hanqinni Daawwattootaa Yaaddoo Uume 08.6816-01-2024
8Jarmaniin Waldhabdee Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoon Walqabatee Gargaarsa Haaraa Ruwaandaaf Gootu Dhaabde06.405-03-2025
9Xumura Dorgoimmii Waancaa Kuubbaa Miilaa Afrikaa fi Du’a Atileetii Keeniyaa Beekamaa 010.2512-02-2024
10Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025

Классификация: Международные. Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 8.8. Источник: www.voaafaanoromoo.com.