Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise

Дата публикации: 12-03-2025 13:12:55

Kan waraanaan bututte Sudaan keessatti mootummaa lama wal maddii jiraatu labsamuun isaa biyyattii, kan durumaanuuu jeeqamsa gara waggaa lamaa ta’een mancaate, addaan qooduuf balaa qaba jechuun Gamtaan Afriikaa Roobii har’aa beeksisee jira.

Waldhabdeen Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) fi waraana idilee kan Sudaan gidduutti uumame, namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman du'uu fi namoota miliyoona 12 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf sababaa ta’e Kunis Tokkummaan Mootummootaa 'rakkoo namoomaa ardii Afrikaa irratti kanaan dura argamee hin beeknee dha jechuun ibseera.
Waraanni kun jalqaba irratti waliigaltee dhabuu RSF waraana keessatti makamuu irraa kan ka’e yoo ta’u, amma waraanni kun Sudaan bahaa fi kaabaa to’achaa kan jiru yoo ta’u, RSF ammoo lixa Daarfuur hunda jechuun ni danda’ama, kutaalee kibbaas dhuunfatee jira.

RSF fi michoonni isaa ji'a darbe Naayiroobii keessatti “chaartara hundeeffamaaa" mootummaa lama wal maddii adeemsisu mallatteessaniiru.
Roobii har’aa Gamtaan Afriikaaibsa ibsa kenneen tarkaanfii kana akka balaaleffatuu fi 'tarkaanfiin akkanaa biyyattii kan addaan qooduuf balaa guddaa akka qabu akeekkachiiseera.
Namoonni galmee kana mallatteessan,kan AFPn mirkaneefate, naannoo finciltootaan to'ataman keessatti mootummaa nagaa fi tokkummaa uumuuf yaadaa qabu.
Akkasumas mootummaa aadaa, sabummaa, amantii fi naannoottii walaba ta’e kan walabummaa tokkummaa fi haqa irraatti hundaa’e mootummaa dimokraatawaa dhaabuuf waadaa seenan. Jalqaba baatii Bitootessaa keessa RSF fi michoonni isaa ammas Naayiroobii keessatti “Heera yeroo Ce'umsaa" mallatteessaniiru.
Gamtaan Afriikaa biyyoonni miseensota isaa ta’an akkasumas hawaasini addunyaa qabiyyee Rippaablikii Sudaan ykn waaltaalee isaa addaan qooduu fi akkasumas bulchuuf kaayyoo kan qabu mootummaa wal maddiitti dhaabate kamiifuu beekkannaa akka hin kennine waamicha dhiyeessee jira.
Gamtaan Afriikaa kan Motummaa wal maddiitti dhaabate jedhame kan Reppaablikii Sudaan keessaaf beekkannaa akka hin kennine beeksiseera.
Kibxata kaleessaa gamtaan Awrooppaa ibsa baaseen akka jedhetti mootummaan wal maddii hundeeffamu fedhii Sudaan dimokraasiif qabdu balaa irra buusa jechuu dhaan ibsa golli naga eegumsaa torban darbe baase irra deebi’ee jira.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
2Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
3 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
4Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025
5Waraana Sudaan Keessatti Gochaa Gara Jabummaa Suukanneessaatu Daa’imman Irratti Raaw’atamaa Jira, Jedha Tokkummaan Mootummootaa06.714-03-2025
6Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
7Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
8Sagantaa Galateeffannaa fi Ifxaara Waloo Hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoo Waashingtan 07.0612-03-2025
9Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
10Falmii fi Biyyoonni Dinagdeen Guddatan Wal Ga’ii G20 Kan Afriikaa Kibbaa Irraa Hafuun Tumsa Addunyaa irratti Shakkii Uume06.2426-02-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.72. Источник: www.voaafaanoromoo.com.