Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 

Дата публикации: 04-03-2025 18:45:45

Maddi oduu Asoosheetid Prees akka gabaasetti biyyoottan adda addaa irraa gara biyya Keeniyaa dhaqanii mooraa baqattootaa Kaakumaa jedhamu keessa qubatanii jiraan, sababa raashina nyaataatiin walqabate mormii kaasaniin Poolisootaa wajjin walitii bu’anii dhukaasa Poolisoonni raawwataniin namoottan Afur madaa’aniiru.
Baqatoonni Sudaan kibbaa, Ityoophiyaa, Burundii fi Koongoo irraa ballla Umamaafi walitii bu’insaa baqatanii  gara Keeniyaa dhaqan Kumaatamaan lakkawaman Wixata kaleessa mormii kan kaasan, dhaabata mootummoota gamtoomanitti sagantaan midhaan nyaata WFPn hanqina baajataa irraa kan ka’e raashinaa akka hirdhisu erga beeksisee booda akka ta’e beekameera.
  Sagantaan nyaata Aduunyaa ji’a mudee darbee keessa akka beeksisetti, biyyoottan degersa kennan gargaarsa isaanii waan hirdhisaa jiranuuf fedhii namoottan gargaramanu guutuu akka hin dandeenyee beeksisee, yeroo sana midhaan nyaataa inni of harkaa qabuu dhibeentaa 45 qofa akka ture beeksiseera.
Waggootan Afuraan darbanii kaasee akka hanqinaa baajataa qabuu kan ibsaa ture sagantaan nyaata aduunyaa, sababa  Perezidaantii Yunaayitid Isteets Doonalad Traamp gargaarsaa biyyaa alaa dhaabaniif baajata dhabuudhaan kan ka’e waajjira isaa biyyaa Afrikaa kibbaatti argamu cufuu isaa Wixata Kaleessaa beeksisee jira.
Keeniyaan yeroo ammaa mooraawwaan kaneen gargaarsaa biyyaa alaa irratti hundaa’anii jiranii  gara qubsuma qubachiisuutti  ceesisuuf hojachaa kan jirtu yoo ta’u, bakaawan wagoottan dheeraaf mooraa baqatootaa turan Kaakumaa fi Dadaabin gara bulchiinsa magaalotaatti akka geedaraman taasisuun ishee beekameera.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025
2Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
3Karoorri Biyyoota Gaanfa Afrikaa Haala Jijjiirama Qilleensatiif Dursee Qopheessu Baasame08.3503-03-2025
4Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
5Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
6Sagantaa Galateeffannaa fi Ifxaara Waloo Hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoo Waashingtan 07.0612-03-2025
7Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
8Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate07.226-02-2025
9Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
10Beledweeynee Keessatti Hidhattoottoota Hoteela Tokko Marsanii Haleellaa Raawwatan Ja'a Ajjeesuu Humni Nageenya Somaaliyaa Beeksise06.2413-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 6.89. Источник: www.voaafaanoromoo.com.