Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti

Дата публикации: 15-03-2025 11:13:10

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoon Jimaata kaleessaa Waashingitanitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa kana booda biyya isaanii keessatti nama simatamu miti jedhamanii labsamuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, kunis hariiroon biyyoota lamaanii hammaataa dhufuu agarsiisa.
Ruubiyoon maxxansa X kan ofii irratti akka barreessanitti, Yunaayitid Isteetistti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ebraahim Raasool ''kana booda biyya keenya guddittii keessatti simannaa hin qaban'' jedhan.
"Ebraahim Rasool nama siyaasaa jibba sanyii tuqatu kan Ameerikaa fi prezidaanti Yunaayitid Isteetis jibbu dha” jedhan
Imbaasii Afrikaa Kibbaa Waashingitan jiru irraa deebiin hatattamaa hin kennamne.
Tarkaanfiin Ruubiyoon kun kan fudhatame hariiroon Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa Kibbaa gidduu hammaataa ennaa adeemetti.
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dhiheenya kana ajaja sadarkaa ol aanaa kan gargaarsi Afrikaa Kibbaaf kennamu akka addaan citu mallatteessaniiru, kunis gocha lafa saamuu jedhame kan falmisiisaa ta’ee fi kanTraamp qonna warra adii akka irraa fudhatamu taasisa jedhan irraan kan ka’e. Traamp akkasumas qonnaan bultoonni Afrikaa Kibbaa Ameerikaa keessa qubachuuf akka simataman dubbataniiru.
Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, fuula X kan ofii irratti akka barreessanitti, tarkaanfii mootummaan isaanii fudhate deggeruun falmaniiru.
“Dhiibbaa loogii sanyii darbe sirreessuuf tarkaanfii fudhachuuf kan mootummaa irra itti gaafatama kaa’e Heera Mootummaan geggeeffamana” jedhan.
Tiraamp jalqaba baatii Guraandhalaa keessa ajaja sadarkaa ol aanaa erga mallatteessanii booda, “haala Afrikaa Kibbaa fi seerota keenya murtaa’oo fi ejjennoo imaammata alaa keenya dogoggoraan ibsuu ilaalchisee yaaddoo qabnu ibsineerra,” jedhan.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Xumura Torban Kanaarra Dorgommiilee Ispoortii Guguddaa Lamatu, Tokko Afrikaatti Kaan Ameerikaatti Geggeessama06.8509-02-2024
2 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
3Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
4Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
5Karoorri Biyyoota Gaanfa Afrikaa Haala Jijjiirama Qilleensatiif Dursee Qopheessu Baasame08.3503-03-2025
6Sagantaa Galateeffannaa fi Ifxaara Waloo Hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoo Waashingtan 07.0612-03-2025
7Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
8Falmii fi Biyyoonni Dinagdeen Guddatan Wal Ga’ii G20 Kan Afriikaa Kibbaa Irraa Hafuun Tumsa Addunyaa irratti Shakkii Uume06.2426-02-2025
9Atleetonni Keeniyaa Maaraatoonii Ruwaandaatti Geggeeffame Ol Aantummaa Agarsiisan010.2810-06-2024
10Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 5.48. Источник: www.voaafaanoromoo.com.