Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  

Дата публикации: 12-03-2025 20:05:35

Bulchiisi yeroo kan Tigraay har’a jechuun Bitootessa 3 bara 2017 ibsa barreeffamaa baaseen, hoogganni naga eegumsa naannoo sanaa garee yaada dhiphoo qabu tokkoof looganii ergama isaaniitiin ala sochii mootummaa fonqolchuu geggeessaa turan jechuun himatee jira.
Hoogganoonni raayyaa waraanaa Kaaba gama bahaa fi kibbaa hojii “seeraan alaa” ittiin jedhe geggeessaa jiru jechuun illee ibsee jira.
Akkuma kanaanis namoota nagaa irratti haleellaa raawwaachuu itti fufuu isaanii fi caasaa mootummaa gubbaa hanga godaatti diiguuf hojjetamaa jira jechuu dhaan ibsi sun yakkee jira. Ibsichi itti dabaluu dhaan gochi kun “garee boodatti hafaa” jechuun kan waame garee Doktor Derbrtsiyoon Gerbremikaa’eliif baabsuu dhaan kan raawwatame ta’uu isaaf walii galtee Piritooriyaa mul’inatti cabsuu dhaan uummata Tigraay deebisee gara dhumaattiit kan galchu jechuu dhaan ibsee jira.
Hogganni yeroo hidhamaa fi ukkaamsamanii butamaa jiru kan jedhe ibsichi, kana irra darbees miseensota hooggana yeroo qabanii qaama sadaffaatti kennuu irraa of hin qusanne jedhee jira. Qaama sadaffaa jechuun kan waame ibsichi mul’inatti hin ibsine.
Ibsi sun akka jedhetti bulchiisi Yeroo kan Tigraay,dargaggoota naannichaa fi uummataaf erga dabarseen, adeemsichi uummata Tigraay gara wal waraansaatti kan galchu waan ta’eef bifa qindaa’een ofii isaa haa eeguu jechuun gaafateera.
Humnoonni maqaa naga eegumsa mootummaa federaalaan socho’an, ergamtoota garee boodatti hafaa tokkootii malee uummata Tigraayiif bulchiisa yeroo bakka hin bu’an jechuu dhaan, kana hubachuu dhaan deggersa barbaachisu gochuu qaba jechuun buclhiisichi itti dabalee eeree jira.
Walii galteen Piritooriyaa bifa Kanaan ennaa cabuu fi uummati Tigraay gara dhuumiinsaatti deebisee ennaa seenu callisanii ilaaluun hin ta’u jedhee jira. Hawaasi addunyaas dhiibbaa gochuu qaba jechuun beeksiseera.
Oduu ka biro dhaan godinni naannoo sanaa kan kibba gam bahaa ibsa kaleessa baasen jiraattota magaalaa Addi Gudem irratti dhukaasa banameen namoonni afur akkaan yoo madaa’an hedduun immoo miidhaan xiqqoon irra ga’uun ibsameera.
Namoonni torba illee magaalattii keessaa ennaa butamanii fudhataman hoogganni aanaa Saamree lamas ukkaamsamanii butamu bulchiinsihi himatee jira.
Doktor. Debretsiooni G/Mikaa’eliin garee hoogganamuu fi mootummaa federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.
Guyyaa kaleessaa pirezidaantiin bulchiisa yeroo Geetaachoo Reddaa, itti gaafataaan waajjira nagaa fi nageenya naannoo Leetinaant Jeneraal Fisehaa Kidaanuu aangoo irraa kaasanii jiran. Dheengaddas ajajaawwan waraanaa sadarkaa ol aanaa sadii itti gaafatama irraa kaasuu isaanii fi kanas gareen ABUT kan Dr. Debretsiyoon Gebremikaa’eliin deggeramuu fi waajjirri nagaa fi nageenya mormuun isaanii ni yaadatama jechuu dhaan Mulugetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
2Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
3Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
4Naannoo Tigraay Keessatti Fonqolcha Mootummaatu Geggeessamaa Jira, Jedhu Obbo Geetaachoo Raddaa, Pirezidaantiin Yeroofii Naannichaa06.3213-03-2025
5Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025
6Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise08.9907-03-2025
7Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame06.0811-03-2025
8Dargaggeessi Waggoota Saddeetii Booda Abbaa Gadaa Booranaa Tahuuf JIru Akkamitti Qopheessamaa Jira?06.8614-03-2025
9Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
10 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 9.5. Источник: www.voaafaanoromoo.com.