Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman

Дата публикации: 10-03-2025 18:43:51

Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar keessatti Ukkamfanii haala rakkisaa keessa turan 32 Wiixata har’aa gara Itiyoophiyaatti deebifaman.
Lammilee Itiyoophiyaa hojiif jedhamuun biyyaa baafamuun Maayinaar keessatti dhaabbilee toora Inteerneetiin hojii goyyomsaa akka hojjetaniif ukkaamfamanii turanii fi kanneen haala rakkisaa keessa turan 133 Maayinaamarii baafamuun gara Taayilaand akka galan taasifame keessaa 32 Wiixata har’aa gara Itiyoophiyaatti deebifamuu isaanii Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa ibseera. Warra har’a gara Itiyoophiyaatti dhufaniin alattis namoonni 42 dabalataa biroonis Roobii dhufu kana gara Itiyoophiyaatti deebifamuuf tikkeettiin xiyyaaraa qophaa’uufis ministirichi ibseera.
Dargaggeessi miidhaa Maayinamaar keessatti irra ga’eeruun qaamaanii fi xiin sammuun miidhamuu sagalee Ameerikaatti himee maqaan isaa akka himamu hin feene warra hara’a gara Itiyoophiyaatti deebifaman keessaa “hiriyyoota koo 32 waliin gara Itiyoophiyaatti deebi’uu koof gammadeera garuu immoo ammayyuu lammileen Itiyoophiyaa ana waliin Maayinaamaar keessatti haala rakkisaa keessa turan achumatti rakachaa jiran waan jiraaniif hanga isaan baafamanitti gammachuun koo guutuu hin ta’u” jedheera. Dargaggeessi kun turtii ji’oota kudhaniif Maayinaamaar keessatti haala rakkisaa keessa turuu kan dubbatu , turtii koo kana keessattis ofii fi maatii koo rakkisuun alatti homaayyuu osoo hin qabatiin dhufuuf danda’eera jedheera. Gaafa asii deemnu Taayilaandi keessatti hojii kaffaltii gaariin qacaramtanii hojjettan jedhamnee namoota seeraan ala namoota deddeebisaniin goyoomsamnee garasitti immales jedheera.
Namni Masarat Seeyifuu jedhaman warra har’a deebifaman keessaa tokko mucaa isaanii ta’uu sagalee Ameerikaatti himanii deebi’uu mucaa isaaniitti
gammachuu qabaachuu himuun ammas kanneen achitti hafaniiran ijoolleen firoottan isaanii jiraachuus dubbataniiru.
Namoota 42 Roobii dhufu gara Itiyoophiyaatti deebifamuuf jiraniin alatti kanneen hafan 58 biroon immoo buufatalee qubachiisaa kan Taayilaandi Keessatti akka argaman kan ibse Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa Imbaasii Itiyoophiyaa biyya Hindii jiru waliin ta’uun deebisuuf hojjechaa jira jedheera. Gabaasni Finfinnee irraa Kan Keneedii Abaateeti.
 
Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
2Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
3Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
4Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise08.9907-03-2025
5Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Liimaatti gaggeeffameen Meedaaliyaa 10 Argatte013.6503-09-2024
6Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
7Keeniyaa Keessatti Jijjiiramni Miidiyaa Gara Dijitaalaatti Taasisame Dorgaggootaaf Madda Odeeffannoo Filatamaa Tahee Jira06.5628-02-2025
8Yakka Gowwoomsaa Oonlaayinii Irraa Attamitti Ittisuun Danda’ama?08.4313-03-2025
9Sagantaa Galateeffannaa fi Ifxaara Waloo Hordoftoota Amantaa Islaamaa Naannoo Waashingtan 07.0612-03-2025
10Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.3. Источник: www.voaafaanoromoo.com.