Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise

Дата публикации: 07-03-2025 19:52:22

Biiroon Galii bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaffaltoota gibiraa kanneen baay’inni isaanii 62 ta’an idaa gibiraa birrii biiliyoona 3.2 tu irra jira jedhe ajaja dhorkii biyyaa akka hin baanee taasiisu irratti baasuu ibse.Daariketti Koomunikeenishii biirichaa Obbo Sewunnet Ayyelee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti biirichi ajaja dhorkii imala biyya alaa irratti baasuun cinaattis tarkaanfii bulchiinsa fudhachaa jiraachuus himaniiru.
Ogeessi seeraa tokko dhimma kanarratti yaada kan nuuf kennan biirichi dhorkii akkasii kaa’uuf aangoon labsiidhaan kennameefii jiraachuu himanii garuu kan akkas gochuu danda’u yoommu kaffaltoonni gibiraa kunneen biyyarraa ba’uu isaaniif sababa ga’aa qabaatudha jedhan.
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kaffaltoota gibiraa Kuma 450 olitu jiru kan jedhan Obbo Sweunnet baay’een isaanii gibira kaffaluutiin dirqama isaanii kan ba’atan yommuu ta’an faallaa kanaas kanneen Gibira hin kaffalle akka jiran ibsanii biiroon isaaniihordoffii ji’oota ja’an darbanitti taasiiseen Idaa Gibiraa birria biiliyoona 6.2 ol sassabeera jedhaniiru jechuun Finfinnee irraa Gebire Mikaa’eel Gebire Medihiinitu gaabase.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate07.226-02-2025
2Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025
3Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
4Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
5Fiigichi Guddichi Kan Itiyoophiyaa Marsaa 23ffaan Finfinneetti Geggeessame09.9221-11-2023
6Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame06.0811-03-2025
7Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
8Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
9Gareewwan Walitti-bu’insa Sudaan Kibbaatti Hirmaatan Akka Wal-dhibdee Isaanii Mariin Furatan IGAD Hubachiise06.9612-03-2025
10Meeshaalee Aadaa Boorana Biratti Ulfina Addaa Qaban Kan Beektuu 06.0810-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 8.99. Источник: www.voaafaanoromoo.com.