Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame

Дата публикации: 11-03-2025 15:31:42

Hojii moodelii fi beeksisawwan gara garaa hojjechuun, keessumaa ammoo uffannaawwan aadaa Oromoo beeksisuun marsaalee hawaasaa irratti kan beekamtu Shamarree Qananii Addunyaa lubbuun darbuun gabaafame.
Shamarree Qananiin halkan edaa mana jireenyaa isaanii Magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Lammii Kuraa ollaa Aayaat jedhamuun beekamutti lubbuun ishee darbu namni maatiitti dhiyaatu kan maqaan akka eeramu hin feene VOA’f mirkaneessee jira.
Shamarree Qananiin jaalallee artiistii beekamaa Andu’aalam Gosaa akka turteefi, gaa’eela seeraan mirkanaa’e qabaachuu baatanis waggaa sadiif mana tokko waliin jiraataa akka turaniifi hariiroo isaanii kanas maatiin isaanii quba qabaachuu namni kun dabalee himeera.
Sababa kanaanis artiist Andu’aalam Goosaa gaaffiif barbaadamee harka poolisii magaalaa Finfinnee akka jirus namni kun himeera.
Dhimma kana kan gaafanne hogganaan Qunnamtii Uummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Inspeektar Maarqoos Taaddasaa, ammatti dhimmicha irratti yaada kennuun akka hin danda’amne VOA’tti himanii jiran.
Reeffi shamarree Qananii Addunyaa har’a ganama hospitaala Minilikitti erga qoratamee booda, guyyaa naannoo sa’aatii sagalii gara mana obboleettii ishii magaalaa Sulultaa jiru geeffamu namni VOA’f odeeffannoo kenne kun himee jira.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Sirni Awwalchaa Shamarree Moodelii fi Beeksisaan Beekamtu, Kan  Qananii Addunyaa Roobii Har’aa Finfinneetti Raaw’atame08.7212-03-2025
2Kan Du’a Kaadhimaa Isaatti Shakkamee To’annaa Poolsii Jala Jiru Artist Andu’aalem Gosaa Mana Murtiitti Dhihaate05.9313-03-2025
3Dargaggeessi Waggoota Saddeetii Booda Abbaa Gadaa Booranaa Tahuuf JIru Akkamitti Qopheessamaa Jira?06.8614-03-2025
4Meeshaalee Aadaa Boorana Biratti Ulfina Addaa Qaban Kan Beektuu 06.0810-03-2025
5Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
6Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
7Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate07.226-02-2025
8Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an09.613-03-2025
9Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
10Fiigichi Guddichi Kan Itiyoophiyaa Marsaa 23ffaan Finfinneetti Geggeessame09.9221-11-2023

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 6.08. Источник: www.voaafaanoromoo.com.