Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Jarmaniin Waldhabdee Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoon Walqabatee Gargaarsa Haaraa Ruwaandaaf Gootu Dhaabde

Дата публикации: 05-03-2025 20:42:14

Jarmaniin Ruwaandaa dhaaf kan kennitu gargaarsa misoomaa haaraa kan dhaabdee fi walitti bu'iinsa biyya Afriikaa hollaa ishee Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo keessaa qooda isheen qabaatteef deebii kennuuf jecha waadaa haaraa galte illee gamaaggamaa akka jirtu Kibxata kaleessaa beeksistee jirti.
Ministeerri misooma Jarmanii akka jedhetti Berliin tarkaanfii kana dursitee Ruwaandaa kan beeksiste yoo ta’u baha Koongoo keessatti fuula duratti tarkaanfataa kan jiru garee M23 deggeruu akka dhaabdu gaafatee jira.
Koongoo, hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa fi humnoonni gama dhiyaa Ruwaandaan garee kana deggeruu ishee qeeqanii jiru. Ruwaandaan immoo kana haaluu dhaan milishoota Hutuun dursaman kanneen warra Tutsii Koongoo keessaa fixuu barbaadanii fi Ruwaandaaf balaa ta’an akka of irraa ittisutu beeksiste.
Ministriin dhimma alaa Ruwaandaa tarkaanfiin Jarmanii kun dogoggoraa fi kan bu’aa hin qabaannee dha jedhee jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Ruwaandaa ibsa Kibxata galgala kenneen, “Biyyoonni akka Jarmanii tasgabbii dhabuu naannoo kana keessatti irra deddeebi’amee mul’atuuf seenaa keessatti itti gaafatamummaa qaban tarkaanfiiwwan gama tokkoo, dirqisiisaa hojiirra oolchuu irra kana caalaa hubachuuu qabu” jedheera.
Ministeerri Jarmanii akka jedhetti Barliin yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2022tti Ruwaandaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 98 bara 2022 hanga 2024tti akka gotu waadaa galtee turte.
Gareen M23 baatii Amajjii irraa eegalee naannoo baha Koongoo fi kuufama albuudaa gatii guddaa qabu to’atee jira.
Haleellaan amma deemaa jiru kun waldhabdee yeroo dheeraaf ture keessatti kan hammaataa dhufe yoo ta’u, kunis ba’ii duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 fi qabsoo qabeenya albuudaa guddaa Koongoo to’achuuf godhame irraa kan eegaledha jedha gabaasi Rooyitersi kun.

Основное содержимое страницы с новостью.

Jarmaniin Ruwaandaa dhaaf kan kennitu gargaarsa misoomaa haaraa kan dhaabdee fi walitti bu'iinsa biyya Afriikaa hollaa ishee Ripaablikii Dimoktaatawaa Koongoo keessaa qooda isheen qabaatteef deebii kennuuf jecha waadaa haaraa galte illee gamaaggamaa akka jirtu Kibxata kaleessaa beeksistee jirti. Ministeerri misooma Jarmanii akka jedhetti Berliin tarkaanfii kana dursitee Ruwaandaa kan beeksiste yoo ta’u baha Koongoo keessatti fuula duratti tarkaanfataa kan jiru garee M23 deggeruu akka dhaabdu gaafatee jira.

Koongoo, hayyoonni Tokkummaa Mootummootaa fi humnoonni gama dhiyaa Ruwaandaan garee kana deggeruu ishee qeeqanii jiru. Ruwaandaan immoo kana haaluu dhaan milishoota Hutuun dursaman kanneen warra Tutsii Koongoo keessaa fixuu barbaadanii fi Ruwaandaaf balaa ta’an akka of irraa ittisutu beeksiste.

Ministriin dhimma alaa Ruwaandaa tarkaanfiin Jarmanii kun dogoggoraa fi kan bu’aa hin qabaannee dha jedhee jira.

Ministeerri Dhimma Alaa Ruwaandaa ibsa Kibxata galgala kenneen, “Biyyoonni akka Jarmanii tasgabbii dhabuu naannoo kana keessatti irra deddeebi’amee mul’atuuf seenaa keessatti itti gaafatamummaa qaban tarkaanfiiwwan gama tokkoo, dirqisiisaa hojiirra oolchuu irra kana caalaa hubachuuu qabu” jedheera.

Ministeerri Jarmanii akka jedhetti Barliin yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2022tti Ruwaandaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 98 bara 2022 hanga 2024tti akka gotu waadaa galtee turte.

Gareen M23 baatii Amajjii irraa eegalee naannoo baha Koongoo fi kuufama albuudaa gatii guddaa qabu to’atee jira.

Haleellaan amma deemaa jiru kun waldhabdee yeroo dheeraaf ture keessatti kan hammaataa dhufe yoo ta’u, kunis ba’ii duguuggaa sanyii Ruwaandaa kan bara 1994 fi qabsoo qabeenya albuudaa guddaa Koongoo to’achuuf godhame irraa kan eegaledha jedha gabaasi Rooyitersi kun.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Atleetonni Keeniyaa Maaraatoonii Ruwaandaatti Geggeeffame Ol Aantummaa Agarsiisan010.2810-06-2024
2Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025
3Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
4Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
5Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
6Bidiruun Godaantota Fe'anii Jabutii Irraa Gara Yamanitti Imalaa Turan Dhidhimuu Isaaniin Namoonni 2 Du'uu fi 186 Achi Buuteen Dhabame012.9407-03-2025
7Masriin Hoggantoonni Biyyoota Arabaa Karoora Waa'ee Gaazaa Kan Tiraamp Dhiheessan Irraa Faallaa Waan Tahe Raggaasisan Jette07.5405-03-2025
8Sudaan Keesstti Mootummaa Lama Wal Maddiitti Hundeessuun Balaa Fiduu Akka Malu Gamtaan Afrikaa Akeekkachiise07.7212-03-2025
9Dargaggeessi Waggoota Saddeetii Booda Abbaa Gadaa Booranaa Tahuuf JIru Akkamitti Qopheessamaa Jira?06.8614-03-2025
10Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 6.4. Источник: www.voaafaanoromoo.com.