Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Keeniyaa Keessatti Iddoon Bineeyyii Bosonaa Dhiphataa Deemuu Ogeeyyiin Beeksisan  

Дата публикации: 03-03-2025 18:49:10

 Saboonni guyyaa lubbuu qabeeyyii bosona keessaa yeroo kabajaa jiran kanatti, turizimii bineensota bosonaa irraa galii guddaa kan argattu keniyaa keessatti, iddoowwan lubbuu qabeeyyii bosonaa jiran xiqqaachuu ogeeyyiin kunuunsaa kan biyyatti akeekkachiisaa jiru.
Waggoota kurna lamaan darban keessatti tattaaffiin kunuunsaa gosoota lubbuu qabeeyyii kanneen balaadhaaf saaxilaman hedduu akka dandamatan kan taasise yoo ta'u, bineensonni kun sababa balaa jijjiirama qilleensaa fi amala namaa balleessuu socho’uu irraa madden, bakka jireenyaa bal'aa dhabaa jiru jechuun roogeeyyiin akeekkachiisu.
Garuu carraa koridoorii bineensota bosonaa jedhamuun beekamu keessattis lafa naannoolee walqunnamsiisan sochii dhala namaatiin adda baafaman walitti fiduuf carraan akka jiru ibsan.
Gareen kunuunsaa koridoorii akkasii uumuuf yaalaa jiru tokko dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa “Lewa Wildlife Conservancy” jedhamu yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 260 fagaatee argama.
Dhaabbanni dhuunfaa Keeniyaa kun koridoorii dabalataa uumuuf kaayyeffate dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa Lewaa kan Keeniyaa kaaba keessatti hojjata.
Bineensonni bilisaan akka socho’an hayyamuu fi taateewwan waldhabdee namaa fi bineensota bosonaa gidduu hir’isuudhaan, koridooroonni akkasii guddina baay’ina bineensota bosonaa ni deeggaru.
Gareen kunuunsaa koridoorii akkasii uumuuf yaalaa jiru tokko dhaabbata kunuunsa bineensota bosonaa Lewa Wildlife Conservancy jedhamu yoo ta'u, magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 260 fagaatee argama.
 
Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Keeniyaa Keessatti Jijjiiramni Miidiyaa Gara Dijitaalaatti Taasisame Dorgaggootaaf Madda Odeeffannoo Filatamaa Tahee Jira06.5628-02-2025
2Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025
3Atileetiin Keeniyaa Addunyaarratti Beekamu Kelvin Kiptum fi Leenjisaa Isaa Waliin Balaa Konkolaataatiin Lubbuu Dhabe06.8612-02-2024
4 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
5Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise08.9907-03-2025
6Ardaa Jilaa Badhaasaatti Sirna Geggeessameen Abbaa Gadaa Booranaa 71ssoon Abbaa Gadaa Booranaa 72ssootti Eebbaan Baallii Kenne  06.8411-03-2025
7Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
8Beledweeynee Keessatti Hidhattoottoota Hoteela Tokko Marsanii Haleellaa Raawwatan Ja'a Ajjeesuu Humni Nageenya Somaaliyaa Beeksise06.2413-03-2025
9Atleetonni Keeniyaa Maaraatoonii Ruwaandaatti Geggeeffame Ol Aantummaa Agarsiisan010.2810-06-2024
10Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an09.613-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 6.72. Источник: www.voaafaanoromoo.com.