Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Kanneen Yaa'ii Geggeessan Hoogganoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Ibsa Kaabineen Bulchiisa Yeeroofii Naanichaa Baase Morman 

Дата публикации: 25-09-2024 18:31:58

Kibxata darbe jechuun Fulbaana 14 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti boordiin filannoo beekkannaa kan hin kenninee fi kan falmii kaasise gumii hoogganoota ABUT irratti kanneen hirmaatan hoogganoonni ABUT ibsa baasaniin, humnoonni nageena naannichaa bulchiisa yerootiin hoogganamuu hin qabu jechuu dhaan ibsa kaabinee kan bulchiinsichaa mormanii jiru.
Bulchiinsichi yeroo humnootii nageenya naannoo jechuun kan waamuu, hoogganoonni ABUT immoo raayyaa waraana tigraay jechuun ibsu. Bulchiinsi yeroo walii galtee Pritooriyaa akka raawwachiisuu fi hojii bulchiinsaa akka hojjetu malee akka mootummaa dhaabbataatti raayyaa waraanaa geggeessuu hin danda’u jedha ibsi ABUT sun.
Akkasumas akka ijaarsa yeroo ammaatti bulchiinsichi yeroo itti waamamni isaa mootummaa federaalaafi, kanaaf raayyaan waraanaa mootummaa federaalaan akka ajajamu kan taasisu haala balaa qabu uuma kan jedhe ibsichi, raayyaan kun akka seera hiikkachiisuu fi hawaasatti makamuu jirutti gara jireenya isaa duraatti akka deebi’u kan eegu malee poolisii ykn milishaa waan hin taaneef bulchiinsichaan hoogganamuu hin qabu jedhee jira.
Raayyaan waraanaa kun attamiin akka geggeessamu marii mara hirmaachisetu barbaacisa kan jedhu ibsi ABUT kun itti dabalees bulchiinsiha sirreessuuf ABUT tarkaanfii ni fudhata jedha. Gareen bulchiinsicha keessa jiru dantaa uummata Tigraay dabarsee kan kennu jechuun illee yakkee jira. akkasumas qabeenyaa uummataa fi mootummaa gargaaramuu dhaan hojii badii qindaa’e hojjetaa jira jechuu dhaan ibsichi tuqeera.
Gama biraatiin prezidaantiin bulchiinsa yeroo obbo Geetaachoo reddaa bulchiisaawwan magaalaalee fi kutaa magaalaaleef Fulbaana 14 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti xalayaa barreessaniin, gareen gumii seeraan alaa geggeesse maneen maree gargaaramuu dhaan hoogganoota naan mormu ittiin jedhe aangoo irraa buusee maqaa balleessaa jira jedhan.
Manneen maree kun kan mootummaa malee kan paartii ykn kan garee miti kan jedhan obbo Geetaachoon, seeraa fi akkaataa hojiin geggeessamuun ala sochiin ta’u fudhatama hin qabu dhaabachuu qaba jedhan. kun yoo hin ta’in garuu itti gaafatamummaa hojii irra oolchuuf bulchiinsi isaaniii ni hojjeta jechuun xalayaa barreessaniin yaadachiisaniiru. Dhimma kana ilaalchisee hoogganoota ABUT, waajjira kominikeeshinii naannoo, hoogganoota humnootii  nageenyaa fi komiishina haaromsa federaalaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa gabaaseera.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
2Dura-taa’aan ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el Kufaatii Hooggansa Dhaabichaa Mudate Furuuf, Yaa’iin Waliigalaa Barbaachisaa Tahuu Dubbatan010.9812-08-2024
3Namoonni Sababaa Waraansaatiin Wal-Qaayit Irraa Buqqa'an Q'ee Isaaniitti Deebifamuu Jalqabu, Jedha Bulchiisi Yeroofii Naannoo Tigiraay06.5415-07-2024
4Gareeleen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Eega Torban Dabre Muummicha Ministaraa Abiyyi Wajjiin Mari'atanii Boodallee Wal-Himataa Jiran 08.4213-12-2024
5Bulchiinsi Yeroo Kan Naannoo Tigraay Hooggansi ABUT Fongolcha na Irratti Geggeessuuf Shire Jechuun Himate07.3419-09-2024
6Bulchiinsi Yeroo Nannoo Tigiraay Kanneen Hojii Bulchiinsicha Gufachiisan Irratti Tarkaanfiin Fudhadha Jedhe06.6929-08-2024
7Lafawwan Naannoo Caasaa Bulchiisaa Ijaaruuf Qajeelchi Lafa Kaa’amuun Ibsame  09.1814-08-2024
8Lammileen Ityoophiyaa Baqatanii Sudaan Keessa Jiran Rakkina Nageenyaatiif Saaxilaman05.3304-07-2024
9Tigiraay Keessatti Waggoota Shanii Booda Yeroo Duraatiif Qormaatni Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Har’a Kenname09.7709-07-2024
10Maqalee Keessatti Mariin Dhaabilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Jaarmayaalee Siivikii Hirmaachise Geggeessamuun Himame05.2902-08-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.82. Источник: www.voaafaanoromoo.com.