Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Gareeleen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Eega Torban Dabre Muummicha Ministaraa Abiyyi Wajjiin Mari'atanii Boodallee Wal-Himataa Jiran 

Дата публикации: 13-12-2024 18:57:58

Torban darbee keessa muummichii ministiraa Mootummaa Ityoophiyaa Abiy Ahimad hoggantootaa mootummaa yeroo kan naanoo Tigraay, akkasumas hogantoota qaamoolee nageenyaa naanichaa wajjin marii taasisan ilaalchisuudhaan ibsaa kan kennan gareewwan ABUT wal irrati himannaa dhiheesa jiru.
Gareen dokteer Debretsiyoon Gebremikaa’elin hogganamuu ibssa guyya dheengada baaseen , hoggantoonni ABUT mootummaa naannoo keessa jiran hojii gantummaa raawwtaniiru jechuudhaan himatee jira.
 Marii muummichaa ministiraa waliin taasifame irratti, gareen prezidaantii bulchiinsa yeroo obbo Geetaachewu Raddaatiin hogganamu, loltoonni Tigraay duraanii akka hidhannoo hiikatanii hawaasatti makamanuu fi gariin isaani immoo akka umnaa ittisaa mootummaatti makaman mootummaa federaalaa gaafachuun isaa gochaa “gantummaa biyyaalesaati” jedheera  ibsii garee Dr.  Debiretsiyoon irra bahe.
Ibsichii itti dabaluudhaanis Koreen gidu galeesaa ABUT rakkoo umameera jedheef  yeroo gabaaba keessatti furmaata kenuudhaaf karoorfatee akka gara qabsootti seenee jiru eeree jira.
   Gareen ABUT inni Obbo Geetaacheewu Raddaatiin hogganamuu gama isaatiin, gareen Dr. Debretsiyooniin hogganamu mootummaan federaalaa akka aangoo kenuuf kadhachaa jiraa jechuudhaan qeeqee jira.
Gareen Dr. Debretsiyoon “garee Hokooraati”  kan jedhee ibsii garee Obbo Geetaacheewu, gareen kun ummata Tgiraay fi mootummaa feederaalaa walti buusuudhaaf kan hojacha jiruudhaa jedhee, garee umnaa nageenyaa naannoo Tgiraay “kan kootti” jechuudhaan tokuumaa ummata Tgiraay diiguudhaaf kan hojaachaa jiruudhaa jedhee himatee jira.
Kantiibaa magaalaa Maqalee muuduu irratti waldhabdee gareewwan lamman gidduutti umamameen kan ka’ee, waajjirii bulchiinsa magaala  Maqalee guyyoottan kurnan darbaniif waan cufamee jiruuf jiraattonni magaalichaa tajaajilaa argachuu akka hin dandenye ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Debretsiyoon Gabremikaa’el: Obbo Geetaachoo Raddaa Paartii Isaaniin Ergamanii Hoogganoota Ertiraa Quunnamuu Quban Qaba 05.9310-09-2024
2Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
3Bulchiinsi Yeroo Nannoo Tigiraay Kanneen Hojii Bulchiinsicha Gufachiisan Irratti Tarkaanfiin Fudhadha Jedhe06.6929-08-2024
4Dura-taa’aan ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el Kufaatii Hooggansa Dhaabichaa Mudate Furuuf, Yaa’iin Waliigalaa Barbaachisaa Tahuu Dubbatan010.9812-08-2024
5Maqalee Keessatti Mariin Dhaabilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Jaarmayaalee Siivikii Hirmaachise Geggeessamuun Himame05.2902-08-2024
6Paartiileen Tigiraay Keessa Socho'an Sadii Gochaa Adda Bilisummaa Uummata Gigiraay Balaaleffachuun Ibsa Kennan06.0831-07-2024
7Wal-dhabdeen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Keessatti Uumame Ittuma Fufee Jira09.0906-09-2024
8Kanneen Yaa'ii Geggeessan Hoogganoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Ibsa Kaabineen Bulchiisa Yeeroofii Naanichaa Baase Morman 07.8225-09-2024
9Gaaffiin Bu'uraa Tigiraay Otuu Deebii Hin Argatiin "Waraanni Tigiraay" Akka Faca'u Taasisamaa Jira, Jedhan Dr. Debretsiyoon G/Mikaa'el 05.4420-12-2024
10Bulchiinsi Yeroo Kan Naannoo Tigraay Hooggansi ABUT Fongolcha na Irratti Geggeessuuf Shire Jechuun Himate07.3419-09-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 8.42. Источник: www.voaafaanoromoo.com.