Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Somaaliyaa Magaalaa Beledweyin  Keessatti Namoonni Hidhatan Hoteela Tokko Haleeluun Yoo Xiqqaate Namoota Shan Ajjeesan

Дата публикации: 12-03-2025 13:55:47

Namoonni meeshaa hidhatan Kibxata kaleessaa Somaaliyaa waaltaa magaalaa Baladweyiin keessatti hoteela maanguddonni naannoo fi qondaaltonni mootummaa keessatti walga’aa turan weeraruun marsuun isaanii itti fufee akka jiru namoonni ijaan arganii fi firoottan namootaa Rooyitarsiif himan.
Miseensi seera tuumtoota federaalaa Baladweyne irraa dhufan Dahir Amin Jesoow akka jedhanti, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefamaniiru garuu ''ammallee miidhaan irra gahe lakkaa'aa jirra'' jedhan.
Gareen hidhattoota Islaamaa Al Shabaab ibsa kenneen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuun namoota 10 ol ajjeesuu ibseera.
Al Shabaab Somaaliyaa keessatti mootummaa kuffisuu fi bulchiinsa ofii isaa hundeessuuf akkasumas bulchiinsa seera shari’aa Islaamaa hojii irra olchuuf yaaluun mootummaa biyyatti raafamaa ta’e irratti haleellaa Bombii fi qawwee itti fuufiinsaan gaggeessaa jira.
"Jalqaba dhohinsa guddaa itti aansee dhukaasa qawwee dhageenye, achiis booda dhohinsi biraa dhaga'ame," jedha abbaan qabeenya suuqii haleellaa kana arge Alii Suleemaan.
Loltoonni mootummaa fi warri qawwee hidhatan dhukaasa wal jijjiiruun kutaaleen Hoteela Qahiraa hanga tokko gara caccabaatti jijjiramuu Suleemaan dabalaniiru.
Ragaan biraa naannoo hoteelichaa jiraattu Haliimaa Nuur akka jedhanitti, marsanii turuun kun itti fufee waan jiruuf dhukaasni addaan citee dhaga'amaa ture.

Основное содержимое страницы с новостью.

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Beledweeynee Keessatti Hidhattoottoota Hoteela Tokko Marsanii Haleellaa Raawwatan Ja'a Ajjeesuu Humni Nageenya Somaaliyaa Beeksise06.2413-03-2025
2Balaan Xayyaaraa Waraana Sudaan Naannoo Manneen Jireenyaa Jiranitti Dhaqqabe Namoota 46 Galaafate07.226-02-2025
3Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
4Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame06.0811-03-2025
5Atleetonni Keeniyaa Maaraatoonii Ruwaandaatti Geggeeffame Ol Aantummaa Agarsiisan010.2810-06-2024
6More than 30 Al-Qaeda-linked militants killed in Somalia0529-06-2026
7СМИ: в Сомали при покушении на замначальника Сил обороны погибли два его охранника0028-02-2021
8El Ejército de Somalia anuncia la muerte de 25 yihadistas de Al Shabaab en un ataque en Hiraan0519-07-2026
9Somalia anuncia la muerte de "un fundador" de Al Shabaab en un ataque al sur de Mogadiscio0721-07-2026
10СМИ: в столице Сомали при взрыве погибли два сотрудника разведки0001-10-2020

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.03. Источник: www.voaafaanoromoo.com.